Way Jiruu Ilma Namaa
Jiruun ilma namaa
Nama ajaa'ibaa
Xinxalani laallaan
Dubbif nama dhibaa

Kuun quufeet biyya hataa
Sukkaara gurguree
Waaqa gubbaa kaataa
Abbaan lafichaa immoo
Fakkaate maraataa
Adeemsi hannichaas
Hin galleef fakkaataa
Osoo lafa qabuu
Lafti isaa saamamee
Gadadoon jiraataa
Haga yoomif laataa?

Kuun waan hatu hatee
Rabbii isaa dagatee
Nama isaa gadii
Humnumaan to'atee
Jiraachuu barbaada
Karoora baafatee, Ajaa'iba!

Kuun immoo rakkatee
Waan argate nyaatee
Jiraachuu barbaada
Waaqa isaa sodaatee

Tokko immoo ni jiraa
Barumsaan gubachaa
Sabaaf kan jiraatu
Lubbuu isaa laachaa, Ajaa'iba!

Tokkollee ni jiraa
Garaa isaa guutee
Kan sabni isaan jedhu
Daaraa bubbeen fuute.
Way Jiruu!!!

Boruu Huseen
Onkololessa 2017

Jimaa
Jimaa bar mukuma
Kan Rabbi eebbise
Callisnet qamaana
Maaltu nu rakkise.
Lakki
Lakki of baradhu
Sirritti of gaafadhu
Eessaa dhufe jedhi
Bahi iyyaafadhu

Lakki an siif hime
Ammas na caqasi
Gubaa laphee keetii
Daf of keessaa baasi

Lakki ni rakkattaa
Yeroon sirraa tartee
Sihii of hin bariin
Biyyi bilisoomtee

Gorsa obbolummaa
Ani si gorseeraaa
Rakkina ati qabdus
Fagomatti argeeraa
Ofbari ofbari
Ofbari sin jedhe
Gorsa sif laadheera!!!

Boruu Huseen
Fulbaana 2017